W/ro kelemwork Secondary School
Announcement AFAN OROM CLUB PRORAM

AFAN OROM CLUB PRORAM

15th June, 2026

Guyyaa 04/10/2018 A.L.I.

Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qalamee Warq keessatti, qophii Kutaa Barnoota Afaan Oromoo fi guumii wajjiin sirna guddifachaa aadaa oromoo guddaa qophaa'e jira. Qophii kanarratti, sirna adda addaa kan aadaa oromoo ta'e hawaasa mana barumsichaaf dhiyaateera.

Guyyaa sana keessattis keessummoonni Kutaa Bulchiinsa Magaalaa irraa, damee Barnoota Afaan Oromoo irraa dhufan irratti argamaniiru. Akkasumas miseensonni hawaasa mana barumsichaa baay’een sirna kana irratti hirmaataniiru.

Qophiin kun eebba aadaa Oromoo durii ta’een banamee, agarsiisota garaagaraa fi nyaata aadaa Oromoo dabalatee dhiyaateera. Keessummoonni Kutaa Bulchiinsa Magaalaa irraa dhufanii fi hoggantoonni mana barumsichaa dhimma kana irratti ergaa isaanii dabarsaniiru.

Dhuma irrattis eebba Abbootii Gadaa fi manguddootaatiin qophiin haala bareedinaan xumurameera.

.

Copyright © All rights reserved.

Created with